Hiika: Big, waan guddina qabu.
Fakkeenya: Oromiyaan biyya guddaa dha.
Hiika: Hippo (Hippopotamus).
Fakkeenya: Roophiin bishaan keessa jiraata.
Hiika: Baddaa jechuun maqaa lafa qilleensa baramaa jiidhaa fi bosona baay'ee ofirraa qabuuf kennamuudha.
Fakkeenyaaf 'Baddaa Baalee' lafti Baddaa Baalee jedhamuun beekamtu sun, lafa qilleensa baramaa jiidhaafi qabbanooftuu taate, akkasumas bosona ykn mukkeen baay'ee ofirraa qabduudha.
Fakkeenyaaf: Haalli qilleensaa fi teessuma lafa Oromiyaa, bakka gurguddaa sadihitti qoodama. Isaanis Baddaa, Badda-daree fi Gammoojjii jedhamuun waamamu. "Baddaa" jechuun lafa qilleensa baramaa qabbanaahaa fi bosona baay'ee biqilchuu dandeessu jechuudha. "Badda-daree" jechuun lafa qilleensa baramaa giddu-galeessaa qabaachuun qilleensa ho'aas qabbanaahaas kan hin taane gidduu galeessaa fi baay'ee mijataa ta'e kan qabduudha. "Gammoojjii" jechuun ammoo lafa qilleensa baramaa ho'aa qabduudha.
Jecha Wal-qabatu: Bosona, Daggala, Raasaa, Mukkeen, Huura, Basha
Hiika: Beeylada manaa keessaa tokko ta'ee, akka geejjibaatti kan tajaajiluudha.
Namoonni meeshaa itti fe'ataniinii bakka bakkatti ittiin socho'uuf kan ooluudha. Bifa daalachaa fi gurra gugurdaa qaba.
Fayyadama Lammaffaa: Maqaan harree kun yeroo tokko tokko akka arrabsootti itti fayyadamu. Ebaluu kun harreedha jechuun nama homaa hin yaanne akka jechuuti.
Hiika: Maqaa (Noun). Jalqaba waan tokkoo, bakka wanti tokko irraa jalqabu/eegalu ykn bu'uura waan tokkooti.
Yeroo hedduu wanti tokko Hundee jedhamee kan waamamu wanti sun jalqaba waan sanii qofa otoo hin taane, bakki wantichi irraa jalqabe suni gidduu wantichaa fi dhuma ykn qacee isaallee irraa furdaa ykn fagoo yoo ta'e qofa "Hundee" jedhama.
Fakkeenya: Hundee mukaa, hundee chaarjarii bilbilaa, hundee boollaa, hundee galaanaa, hundee oobruu, hundee godaa, hundee gaaraa, hundee bosonaa...
Jecha Wal-qabatu: Hundeessaa (Jalqabsiisaa ykn bu'uureffamaa). Fakkeenyaaf: "Dhaabbata kana kan hundeesse Obbo Caalaa dha."