Hunde Baddaa Baalee

Gara Fuula Duraatti Deebi'i

Galmee Jechoota Afaan Oromoo

Guddaa

Hiika: Big, waan guddina qabu.

Fakkeenya: Oromiyaan biyya guddaa dha.

killa /kiila

Hiika: meeshaalee manaa kan aadaa kan dhadhaa itti kuufachuuf ooluudha.

maal fakkaata: 'killi' ykn 'kiili' yeroo hedduu muka irraa tolfama. boci isaa diqqoo qorii marqaa ni fakkaa keessi isaa bishan leetira 1-5 qabachuu ni danda'a. baayinaan oromoota Kibba Baha Oromiyaa biratti haalan beekkama

fkn: yeroo gannaa ijoollen akkas jedhanii xaphaultu:"aduun baatee, tuqaan naate... Killi cabee, Dhadhaan baqee... mucaan kiyyaa sireerratti gaggabe" jedhanii biiftuu ganama keessa taphatu.

Hundee

Hiika: Maqaa (Noun). Jalqaba waan tokkoo, bakka wanti tokko irraa jalqabu/eegalu ykn bu'uura waan tokkooti.

Yeroo hedduu wanti tokko Hundee jedhamee kan waamamu wanti sun jalqaba waan sanii qofa otoo hin taane, bakki wantichi irraa jalqabe suni gidduu wantichaa fi dhuma ykn qacee isaallee irraa furdaa ykn fagoo yoo ta'e qofa "Hundee" jedhama.

Fakkeenya: Hundee mukaa, hundee chaarjarii bilbilaa, hundee boollaa, hundee galaanaa, hundee oobruu, hundee godaa, hundee gaaraa, hundee bosonaa...

Jecha Wal-qabatu: Hundeessaa (Jalqabsiisaa ykn bu'uureffamaa). Fakkeenyaaf: "Dhaabbata kana kan hundeesse Obbo Caalaa dha."