Anatu siif beeka
natu sibilisoomsaa
natu siguddisaa
anatu si misoomaa
mataansaa gabrummaadha
namana ni dhageessaa
otoo waggaa waggaan
walirraa fuudhanii
ogeeyyii ciccimoo
itti Wal jijjiiranii
natu sicaalaa maletti
waliin hojjatani
shakkii tokkoo malee
silaa hin guddatani
wani biyya diigee
biyya teenna kuffise
bara dhufaafi darbaa
rakkakkinati nu kuffse
firaan addaan nu qoodee
obbolaa Wal nyaachise
dubbii ana malee tanatu
biyyarraa nu hambise
bara dhufaafi darbaa
namni aangoo qabatu
du’eetuu bada malee
gadidhiisuu hin jaallatu
kanaaf biyyi akkasii
abadan hin guddatu
kanas guddisaa jirra
kanas misoomsinee
kanas gochuu dandeenye
biyya teenna guddisne
Isa kas ni dandeennaa
kanallee qajeelchine
jechuu dhagahaa oollaa
jabaa gurra qeensinee
haa ta’uutiu malee
jijjirama hin argine
10/01/2026