Hunde Baddaa Baalee

Ani keessi koo Arstistiidha

An keessi koo artistiidha Garuu hidhaaannoon koo mangistiidha Olkaii shubbisi na godha Shubbisnaan seerri higgiidha Mataa maree shushubbisuu Didee ka`ee itti cabsuu Laaxee eelee shashaffisuu Jaarii of keesati fayyisuu Gagarrmaamee dhukkee kaasuu Dafqa buusee jaarii baasuu Araadat harkaa naqabaa Watwaata keessa koo dadhaba Shubbisi naan jedhanii Qabanni na dadhabanii Gagarmaamuf fardi leexaa Yoo ta`es lafti meedaa Gurmuu buufadhu fannoo koo Garuu maal jetti hidhannoon koo Oggaan sochoosu mudhii koo Namufatti yoon tirtire Na tuffattii yoon zeekkare Bakkasiin nattii mufattuu Bor kan isiin naffattuu Lakkii dhiisee hin zeekkaruu Keessi kootuu haa qancaruu An of beekka qaaman furdaa yooniin ta`es baakku Hangas hunda gaabbadhe safrrii dhahadhu taakku fedhii koos hidhadheera ati at ittin hori lakku lakkuu Hundee Baddaa Baalee
10/01/2026

← Gara Fuula Walalootti Deebi'i