Hunde Baddaa Baalee

Dhahi jalaa

Dhahi jalaa walaloo Dhahi jalaa abboo dhahi jalaa Kumaa kitilli dhumuu jabo irra nuu baatee Biddeena kankeeti moo du'aat garaa si nyaatee Ajjeefamaaf dhiphattee guddoo garaa hammaatte Ajjesan ammo eennu san hoo ni irraan fattee Bussenas biddeenaaf ajjeessa matat baattee ajjeefamaa lakkoofta Dubbiin biddeenaa jabduu silaayyuu way qaaanfattaa Aahi Hanga du'aa lakkaahaa maataa qabattee boottu Yakkama du'a faradu…. Sanoo isa hin komattuu Isi qoy Isa maatii kee nyaatee kan siifis hamoommatuu Ani yoo mala siif dhahe akka itti jalaa baatuu Armat eegii xalafii akkanaan jalaa dhahi Kiyyoo isaat kiyyeessii qabi garanaan jala bahi Jedhee malaan si baasee kiyyoo diinaa sankeessa Ati yakkamaa jedhee namni immoo nat murteessaa Maalif mala dhooftaaf jettee kan keekiyyaa komattu Mee akkamitii yaadee diqqomallee hin qaanfattuu Akka ta'uu qaba jedhee yaaduu yoon mala dhahe yaa firaa Maalif mala dhoofte jedhee seeri nagafatu hin jiraa Ati Isa walakkaa jaarraa lafee lammii qorqate Dubbii buddeenaa malee garaan way si yaadatee Isa du'e lakkaahaa ajjaeessaa ammo deegaarta Kufuu ajjaseesaa dhiphattee moohuu isaaf zeekkarta Ajjeechaarrat hirmaattee atuu waliin ajjeeftaa Ajjeesaa utuubuuf moo ajjeefamaaf dhiphataa Bakka fedhellee taa'ee eessaallee haaqubatuu Yaadan wajjiin gubataa inni lammiif dhiphatu Gadadoo lammii dhiphatee rakkoo isaanii hadoodee Yaada furmaataa jedhee yoo lammii isaatif qodee Akkanat keessaa baatuu jedhee mala yoo nuuf tarreese Ati maaf irrat duulta inni hoo maal balleessee Yaaddon kufaatii buddeenaa bultee mataa sibaatee Biddeena tiffachuuf moo lammiit garaa si nyaatee Wagga 27 dhiiga lammii xuutee Wayyaanee wajjiin kuffisnus akka bofaa mooxatee Wagga 35 isa nunyaachaa jiru Jalaa dhahun malettii furmaanni biraa hin jiru Jedhee yaada isaa cuunfee lammii isaatif gumaachee Simmoo dubbii biddeenaatu ol dhaabee si maraache Boosettii gurra dhoosaa Opdo bililis baastetu lubbuutti si qoosa Dhahi jalaa Ayyoofi abboo rashananii yaabboo Kanarra maaltu galaa teessee laalta balaa dhahi jalaa Abo dhahi jala Hundee Baddaa Baalee
10/01/2026

← Gara Fuula Walalootti Deebi'i