Dr Gammachuu Magarsaa gooticha jaarraa kana
Hayyuu argaa dhageettii kitaaba sammuu banaa
tuulamarraa dhalate hortee warra booranaa
Wallaggatu gumaache Gammee lenca bosonaa
dhalataa Dambii Doolloo ibasaa akka goobana
Guddisa Waaqoo Guutuu haftee gootota sanaa
Isinuu Abbaa koodha ilmi keessanuu anaa
eenyummaa isaa sitti himaa dhegeffadhaa jarana
Gammee gurracha dheeraa qallaa akka rasaasa
dhalcha magarsaa dhaabaa hortee warra Abiisa
Aaddee shubbisee maragaa jedhamu haati isaa
Isaan ilma hangafaati ijoollee jaha keessaaa
Shawaa lixaa Amboo noolee kaabaa irraayi achii dhufe maatin saa
qorataa seenaa Oromoo univarsitii barsiisaa
Seenaa warra Kuush Afrikaa gadi qabee leenjisa
computer science jettaa teknonology dhalchiisa
Abbaa madaalli dhugaa fakkii aadaf beekumsa
jechi isaa tokkottiin waltajjii guutuu raasaa
hin jarjaru kokkolfaa jechaan nama booharsaa
baguma nuuf dhallottan gaammee finna Magarsaa
Seenaa Jireenyaa isaan waa diqqo siif gabaasa
seenaa barnoota isaanii dursa siniif odeessaa
umrii dheeradhu jechaa gurra keessaan maaf ergidss
Akkas jedhee Yaadata seenan barnoota isaan
sadarkaa 1fi 2ffaa dambi doollat baratin
university hayla sillaasee 1 finfinneet hordofan
Carraa barnoota alaa scholarship argatan
Durham university England qubatan
computer science fi mathematics jalqaba degree argatan
finfinneet unevrsty barsiisaa social since qoratan
degree 2ffaa isaani England jalqabatan
dame Social Anthropology qu'atan
university sooseks England argatan
degree 3ffaa isaanis haaluma wal fakkatun England xumuratan
qorannoon isaanii Kan itti xiyyeefatan
Knowledge, power and experience of the self among the Oromo of Ethiopia Kan jedhut focus gatan
Falaasamaa oromo ganamaa waahee amantiif uumamaa waan baayyee irratti hojjatan
maths/ CS and Anthropology walitti makatan
sirna Gadaa dhaha fi herrega oromo addunyaat mullifata
Guddina afaan Oromoof qooda leencaa taphatan
jireenya isaanii guutuu ummata ofiif jiratan
ummata ofiif jecha ofirrat gurguran mana keessa jjiraatan
qorannoo argagaa dhageettii ummata ofiif olfatan
dr Gammachuu Magarsa baguma nuuf dhalatan
nagaaf fayyaa wajjin ammas haajiraatan
maadhaa maatii wajjin umurii haa dheeratan
Dr Gammeen
calaqqee eenyummaa library oromotaa
barsiisaa aadaf seenaa of-ilaallee dhalootaa
mooticha falaasamaa dursaa sincistoo
fakkii eenyummaa warra kush urjii Afrikaanota
suphitu dhugaa cittee sqajeechituu seerota
maal jedheen haa si’ibsuu mee jechaatu nat xiqqaataa
mallattoo gootummati Gammeen Kan ija isaarraa mullatu
dhugaaf jiraata malee eennulle hin jilbinifatu
gammeen gara-kuteessa nama dhugaaf jiraatu
bakka dhugaa argutti Gammeen ija hin libsatu
mirga namaa hin dhiibu namatti hin tarkaanfatu
goota fakkaatii hin qabne umriin saa nuuf haa dheeratu
ani waahe isaanii silaayyuu himee hin gixuu
hayyuu argaaf dhageettii oromoo Dr Gammachuu Magarsaa seenaan hin irraanftuu
Kan hamtuu itti yaadu biyyeen ijat haa buutu
fayyaa ta'aa
10/01/2026