Aayyoof aabboo kiyyaa akkam nagaa jirtuu
Hunduu duubat haahafuu isin nagaa qabudu
Haalli jireenyaa akkam walfaana yayaatuu
Dararaaf gadadoo wajjiin keessummeessituu
Hoongee beelaf dullummaa wajjiin dabarsituu
Anis nagana qaba kunoo waanuma hundaafuu
Silaa akka yaadatii du'ee jira rabbi guddaafuu
Waanua keessan yaadaa gadi hinciisu hirriibaafuu
Hamtuun isiniif bahe dursee anaaf haadhufu
Naga isin gaafadhee hin quufu mee itti deebi'uu takkayyuu
Maadhaa maati akkamii sa'aa namni nagahayyuu
Kooko'oo qaama keessaf ko'ummaan qa'ee keessa
Jeedala re'ee guurutuf eeydon oobruu jaldeessa
Waraabessa halkaniif halkan deemtun bineensaa
Hunda baachaa jiraattuu akkamiree odeessaa
Akkamii haali jireenyaa eeydon oobruu fageenyaa
Ba'aan bishaan jarkeenaaf dhimphisaan mana keenyaa
Mana golaan dhimphisu kan jireenyaa sitdhiphisuu
Halkanuu sirraffisuu
silaa
Alaa manat baqattuu kan mannii ala hin caallee
Gadadoo keessummeesstuure kan yoomillee wallaalle
Ilmaan harka qabataa qoraan duydattii baattuu
Beelan yoo midhamtan hoo maal argitanii nyaattu
Kanuma keessummeessa wajjumaanuu jiraattuu
Akkasuma wajjiinuu akkam nagaa naa jirtuu Akkasuma keessattuu jiraachuu dadhabdanii
Rakko jireenya qofaamii namaanuu roorrifamtanii
Waan akkanat fiddan kanaayyuu saamatanii
Haala hamaa kana keesattuu shorkeessaa jedhamtanii
Horiinuu rakkattanii halkan guyya hiraatuu
Rakkoof beelan hubamtee ilmaan si jalat dhumtuu
Harras wajjiin jiraachaa hundaa keessummessittuu
Akkasuma wajjiinuu akaam nagaa naa jirtuu
Mee waa isin gaafadhuu waan jalqaba seenaa keessanii
Ka jaarrama bultii jalqaba ka walit dhufuu keesanii
Gaafa dura walfuutan keesa abdiin guutamtaanii
Akas waliin jettanii laata keesa abdiin guutamtanii
Harra jabaannee hojjanna baru akka itti gammanuu
Jireenya fula keenna duraa gammachuun akka jiraannu
Jabaanne hojjachuu qabna takka ofirra hin mil'annu
Jettanii wal kaaftanii laata miira keesa keesanii
Jireenya fuula duraatif abdiidhaan guutamataanii
Akkas jettanii laata of keesat abjattanii
Harra jabaanee hojjannaa bor abbaa milionaraatii
Abba fardaafi gaangee abbaa loon kuma lamaati
Abba hoolotaaf re'ee abbaa sangoota kumaatii
Jireenyaa quufaf badhaadha kan fuula keenna duraatii
Jetta abjattanii laata moo waan kana caalati
Akkas jettanii ree?
Fuula keenna dura jireenyi badhaadha
Ilmaan hedduus dhallaa soorannis dhadhaadha
Asii achi itti baana jireenya bal'innaa
Jabaannee hojjannaa maalumaaf dhiphanna Jettanii abajattanii gaafa bultii jaarrattan
Moo waan kan caalufii kanaa ol abjattan
Garuu kana didde jiruun faallaa garagalte
Akka yaaddan dhiistee akka hinyaanen dhufte
Abjuun tee ganamaa karaa hin tanet kufte
Jiraachuu jalqabdee jireenya gadadoo
Jiruu muka xuxii kan qurxummii madoo
Baraan boohaa jiraattuu akka adaamii ollaa agamsaa
Barana yoojettanis bara baraan daabarsaa
Otooma jiraatan jiruu isin in feene
Isi jijjiramtuu jiruun isin hin eeyne
Akka itti hin eeynet ilmaan 9 dhaltan
Jiruu gaddaf yaaddoo kessummeessa as geettan
-
Isin
gammaddanii jiraattan takka akka namaa
Otoma jiraattan jireenya manaamaa
Jireenya waadama jiruun abaaramaa
Lubbuun kiyyas bade isinii dhabamqaa
Ilmaan hedduu dhalta garuu itti hin oolee
Quc jettanii teessu akka waan hin dhallee
Ilmaan teessan akka ilmaan qocaatti gargarii faca'anii
Waldhaansoo jireenyan harkaa walqabanii
Ofiifuu hin jiraannee yoom siyaadatanii
Isin osoma jiraattan jireenya hadhaawaa
Ka taakka hin dhadhamannee dhandhama mi'aawaa
Dullummaan si qabdee hadhoofte jiruunuu
du'eetuu haabaduu bakka tee aninuu
kanatu nacinqee ani hiirria hin qbu
akkam haa godhu ree yoon yaadee dadhabu
ottoman siif yaadu karat kufe cabuu
karaan milkaahinnaa kan naduraa maqe barbaadee hin arganne eessa akka dhaqe
ofuu jiraachisuuf boolla meeqa seenaa
qaanjibbuun iddamee bofi naciniinaa
harkaa gara afaanii jirenya hanqinaa
hiree yoon argadhu hunduu gara afaanii
takkaa akka namaa hin rafne garaanii
siif yaadee siyaadu gubadhe keessi koo
akka naaf dabarsu naaf kadhu rabbi koo
dullumman si qabdee hadhoofte jiruunuu
du'eetuu haabaduu bakka tee'ee aninuu
rakkinni siif dhufee anumaan haa bahuu
balaan si qabate narrat wal haa gahuu
fayya dhabni kankee anatti haataruu
miidhamnii si qabae ana haa dararu
aayyof aabboo kiyyaa
waaqi dachiif samii lubbuu kee haamaaru
10/01/2026