harmee mucaan kee abdii murateera
mucaan kee qallaan sun inni ati jaallattu
boru guddatee Nama ta’aaf inni ati Abdattu
abdii murateera
erga siin adda bahee qaaman sirraa fagaatee
jireenyi itt hin tollee baayyee itti ulfaate
mucaa kee qallaa sana
Inni tokko hin ergata inni kaan hin tuffata
Inni kaan hin hifataa asii Achi daddarbata
mucaa kee qallaa Sana
ormi ergatuu malee
ittin guddatuu malee
hojjatee waa hin argatu
horii walitti hin qabatu
harkaa garaa afaanii waan hin caallee argata
gamasiin Yoo guuttatu gamanaan ni hanqata
siif yaadaa si yaadaa dhumate Keessa isaa
Akka isaaf jijjiiru kadhadhuuf rabbii isaa
Yoo akkas taate malee
qaamanis qallatee foon irraa dhumate
fuulduras Abdii hin qabuu mullanni isaa hammaate
dandeettin waa yaaduu isaa baayyee dadhabaara
harmee mucaan kankee qallaan sun Abdii murateera
10/01/2026