Ilaa wanti siif galuu qabu Buchoo ilma Tasfahee! Kaayyon qabsoofnef kale Yoom itti nuuf milkaahe
1/2
Qabsoon keenna kaleessaa Keenna shuumuf hin turre Kan jaalannu angeessuf Harkaaf harma nun murre
garuu
Sirna bulchiinsa gonfoo
Abbaa irree buqqifnee
Bulchiinsa dimokiraasii
Gadidhaabachuu hawwaine
Ta'us
San kuffisnus kaleessa
Mootummaa abba irree Kun san caalaa bineensa Malee
Akka carraa nuttita'ee
Kaleessa tigreet qabsoofnee
Harra oromotu qabatee,
Kan akkasitti yaadu
Nama of irranfate
Gabroomsaa sana kuffisnus
Gamtaan dura dhaabbanee
Gabroomsumat qabatee
Akka yaanne nuuntaane
kaaaf
Kaayyootu nu hoogana
Malee hin qabnuu jallinna
Waan baate irranfattee
Karaat hafuun salphina
Yeroonsaa nut dheeratuu
Barris yoo barat lufee
Qabsoon diddaa gabrummaa
harrallee ittaafufe
waan gad baaneef milkoofnee hanga geennut galmatti kaayyoo baanef gadidhiifnee hin deebinu manati
Abbaa kiyyas yoo ta'e Abbaan irree haakufuu Kan nagaaf dimookiraasii Bakka fedhee haadhufuu
fedhu amaarri haabulchuu
tigee ykn somaalee
namni ummanni filate
fedhus alarraa yoo galee
dimookirasit amanee
ummataan bula yoo ta'e
ilaa muraanni keenna
gaafas galma nuuf gahee
Dimokiraasii barbaacha
malee hawwiin dhaloota
akka ati yaadde sana
gandumma hinqabnu bootaa
10/01/2026