Qabsoo qabsoo jechaa Asif Achi kaattuu
baara dhufaafi darbaa bosons keessa yaatu
bu'aan qabsoo maali mee maalumaaf dhamaatu
Niqabsoofna jettee erga lafaa kaate
karaanis dheerate haalinis ulfaatee
waggaa isaa dheeratee jaarraa 1 taate
mee maaluma baaftu maalif dhama raaftu
wanta bu'aa hin qabneef maalif nu dhamaaftu
maaf dhaloota kaasaa aarsaa kaffalchiiftu
jedhee warra dubbiin kun gaaffii itti ta'e
waan kana dhiphatee Ka mataan iita'e
sher itti naaf godhi Yoo si bira ga'e
qabsoon oromoo 1 jedhee jalaqabee
bu'aaf bahii dheeraa of keessatti qabee
boqonnaa 4 keesss darbee 5ffaa jalqabe
B dadammaqsuut" boqonnaan jalqabaa
Boqonnaan ijaaruu 2ffaat qaqqaba
B Biyyoomsuut: boqonnaan 3ffa
B Aangoo qabachuu kaan Inn 4ffaa
Sirna dimokiraatawaa ijaaruu
5ffarra jirra
Abbaa irree diddaaf
nu falmachaa jirra
gaaf kana Goolbnes
kan itti aanuttarra
1ffaa jalqabnee hiikkaas
wajjiin laallaa
bu'aan qabsoo oromomoos
gaafa san siif gala
boqonnaan qabsoo oromoo
gaafa jalqabte
dhaloota dammaqsuu
irratti fuulleffate
Dhaloota shirri diinaa
irratti dalgeeffame
eenyummaan waloo saa
jalaa balleeffame
sirni cunquraa habashaa
gaafa ummata qabatu
Tokkummaan isaa laamshshee
akka wal dagatu
aadaa fi afaan waloo
kan isaan tokkoomsu
eenyumaafi watoota
isaan wal fakkeessu
shira itti xaxee
isaan adda ciree
tokkummaa isaa diigee
gandaan adda hiree
dhaloota qaat kufee
hiirribni fudhate
kanaaf qabsoon jalqaba dadammaqsuurraa kaatee
Ati Oromoo Yoo jettern
maaf na arrabsite
kan jedhu of barsiisuu
irraa jalqabattee
gara ijaaruuf tokkooomsuut
achi dabrfate
2. IJAAARUU
boqonnaa 2ffaa
ijaaruu jedhama
harka wal qabsiisuun
asii jalqabama
saba addaan facaasee
diinni isa caale
aadaa isaa gadhiisee
aadaa ormaa dhaalee
deebisanii jaaruun
walqabachiisanii
gara biyyoomsuutti
achi ceesisani
3. biyyoomsu
boqonnaan sadaffaa
biyyoomsu jedhama
biyya ofii jaarrachuun
asii jaqabama.
saba guddaa Afrikaa
kan Oromoo jedhame
xaxaa shira diinaa
maqaan awwaalame
oromo jechuun hafee
gaallat jijjiirame
qabsoon of barsiisee
akka lfii falmatu
biyya isaaf taatu
akka ijaarratu
sabni waggaa dheeraaf
diinaan ukkaamamee
kabajaa mulqamee
namummaa sarbamee
eenyumaan saa dhabee
ormaan liqinfame
biyya bulchuu mitii
ufiifuu tuffatamee
hirriibarraa ka'ee
harka walqabte
eenyummaa isaa baree
aadaa isaa deeffatee
lafa isaa qabatee
maqaa itti moggaasee
dangaa sararatee
kaartaa itti kaasee
Oromia jedhee
maqaa moggafate
gara biyya bulchutti
achi dabrfate
Aangoo qabchuufuu
qabeenya itti deegee
lafee itti cabee
lubbuu itti wareege
tokkummaan dhaabbatee
hoomaa itti gadyaase
warra ana nalee
san of duraa kaasee
ilma ofii filatee
aangootti ol baase
akkuma ta'et goolabee
bofqonnaa 4ffaa
1 jedhee jalaqabee
boqonnaa 5ffaa
qabsoon hin dhaabatu
yoomuu itti fufa
boqonnaa 5ffaa:
sirna dimokiraatawaa
ijaarachuuf turte
qabsoo boqonnaa 4ffaa
siiaa milkoofte
garuu gara abbaa irrummaatti
nujalaa harkifatte
keennaa kan itti kennanne
nama jarri gudduse
qabsoo nujalaa butee
gabrummaant nu harkise
fakkaate nu sakaalee
miila nu kuffise
ilma keenna yoo ta'es
dimokirasit hin amanu
Abbaa irrummaa yaalaa
gorsas hin dhagahanuu
hanga dirqamaan qabanii
achi gubbaa darbanuu
keenna jedhanii dhiifanaan
roorrodhaf saxilanu
ka'umsi qabsoo ganamaa
warraaqsi diddaa gabrummaa
gahuumsi dimorasiidha
yoomuu ni falmama
dhaloota baratetu
dimokraasif falmata
hooggansa baratetu
dimokraasif hojjata
gowaan natu siif beekaf
irree sit mullifata
nutii
dhaloota barate
dimokraasii hawwinee
kalesas jiila qabnaa
madaan tenna hin fayyine
kanaaf natu siif beekaa
abadan hin sarmine
sirna dimokiraatawaa
hamaa ijarrannuti
Abbaan irree caccabee
hamma burkutaahutti
duunee haabannu malee
hin deebinu manati
10/01/2026