Hunde Baddaa Baalee

Ani Qotee bulaadha!

Ani qotadhee nyaadha dachii tatarsaasee Koobiicha findigee raaree babaqaqsee Kaachaa garagalchee giciiccaa buqqisee Dacheerra facaasee dacheerra sooradha Saawan koo bobbaasee dachaasee galfadha Sangoota koon qota saawwan koo elmadha dachee kaniin dhaalee lafa abba koorra Abaan kan argate akaakayuu koorra Yagutoo hin fuune hin saamne namarraa Biyya namaa hindhayne biyya kootirrattii Irkannoon koo rabbiif human kootirratti Taakkuu takka hin ceene an dachii nammatti Situu natti dhufee ufiif na roorriste Shanee shanee jettee ofiif na doorsiiste Bakka jireenna kootti dhuftee na barbaadde Shanee arge jette ummata nat baaste Koottaa bahaa jettee ummata sasbdee Qowee an argee beeyne mormat na fanniftee Namni kun shanee dhaa raasaa fide jette Harka koo katiinaan duddubat na hiitee Maatii koo ful durat qabdee na rashante Wanta guyya Sanaa Harrallee yaadadha ati yoo irranfatte Kunoo akkas naan jette Takka ufirra mari Kaabaa kibba laali baha dhiha laali jette na zoorsifte Akka itti du`uu fedhu qofa filannoo naaf laatte Maatii koo fuul durat rasaasan na tumte Ufiif na barbaaddee ani waa sin goone Waan du`e setaamii an gaafas ani hin dune Ani dhugaa qabaaf kan dharti waa nan goone Eeyyen an shanee dha! Isa atuttuyxee jireenya dhoorgite Cubbuu itti feetee hama fakkeesste Yakka tokko malee rasaasan akoofte Eeyyen an shaneedha Hujii na dhoorgitee situ nat roorrise Matii kiyya hunda sit beelat hambise Shanee maqaa jedhu situ naaf moggasee Jiruu na dhoorgitee sit biyyaa na baase Bineensa na gootee namarraa na baafte Haqa kiyya dhossa haqqii kiyya saamte Gaafa na rashantu waan du`u na seetee No ani ni jiraadha yoomillee hin du`u Dhiigaaf imimmaan koo laayyot lafan bu`u Ani yoomiyyuu hin du`u yoomuu ni jiraadha Waan ati na goote sumarraa baafadha Jiidha dhiiga kiyyaa xiiqiin sibbaafadha Haqqii kiyya nyaatte hudhee si gaafadha Eeyyen an shaneedha An qeerro oromoo gaadisa abdii biyyaa Isa ati fanniftee gubde qaama kiyya Isa ati saree soorte du`aa kiyya Isa ati cirtee taphattuu foon kiyya Harrallee ni jiraa farru rabii kiyyaa Haaloo koon baafadhaa abadan si dhiisuu Hanga si balleesut mataan gadin ciisu Ani haqan qabaa ati nan dandeessuu Ani waan namaa hanee Biyya naman dhayne Mrga namatitti habbaa tokkon buune Namat nat roorisee jireenya na dhoorge Wanta ani hin beeyne cubbuu ta hagoogee Badii kiyyaan mallet laafaa na duguugee Ati shita jettaa Koot laali naan jette oboleessa kiyya na durat ajjeefa Oboleettii tiyya naduran fannifta Maqaa nat moggassett anaan shanessita Ammas as deebitee kun shiftaa naan jetta Doowalaa gadi galoo ati hiyyeesa nyaatta Ana moo si shiftaa adda baasuu beeytaa Kichuu meeqa nyaatte kichuu meeqa cirete Qaama miidhamaa gotee nam meeqa hambifte Qorqalbii saa miitee meeqa maraachite Nama meeqa rashantee foon saree nyaachifte Qabeenya irraa saamtee meeqa kasaarsite Ati nama kaayyoon qanabne kan garaaf jiraatu kana qabeenya ummataa irraa saamee nyaatu gad ciipsee gorra`u otoon inni waywaatu maatii walit qabdee bakkatti rashantu abba birta qabdee inta gudeeddu kan nama ajjeeftee footoo irrat kaatu ilma namaa qaltee kan saree nyaachiftu ana mii shiftaan si`I ati waa hin hubattu Hundee Baddaa Baalee
10/01/2026

← Gara Fuula manaatti Deebi'i