Hunde Baddaa Baalee

Jeneraal Waaqoo Guutuu Usu (1924 – 2006)

1. Seensa fi Dhaloota jeneraal Waaqoo Guutuu Gootichi Oromoo Jeneraal Waaqoo Guutuu abbaasaa Guutuu Usuu Cammarrii fi haadhasaa Dhuulloo Alii Hassan irraa bara 1924, Godina Baalee Aanaa Madda Walaabuu lafa Oda jedhamutti dhalate. (bara dhaloota isaanii irratti barreessitoonni seenaa wal mormu barreessitoonii gariin 1920,1924,1926 fi kabirootis jira garuu hedduun isaanii 1924 irratti walii galu.) Jeneraal Waaqoon ijoollummaa isaatirraa jalqabee xiiqii fi jibbinsa diinaa qaba kan ture ta'uun, faandhooftuu diddaa gabrummaati. Sababa kanaaf Waaqo Bara 1938 fuudhee osoo manaa hin bahin, sangoota Abbaa isaa gurguree qawwee bitachuun hiriyoota isaa fi namoota itti isatti dhiyaatan gurmeessee roorroo diinaa fashaleessuu jalqabe. Diddaa gabrummaa keessatti waaqoo guutuu kan inni fakkeenya godhatee, 0 qabsaaha oromoo hangafaafi jalqabaa kan ta'ani Muhammad Gadaa Qaalluuti. Bara 1943 Muhaammad Gadaa Qaalluu fakkeenya godhachuun diddaa gabrummaatti guutummaatti seene. Tooftaalee Qabsoo fi Jalqaba Fincilaa diddaa gabrummaa (1950-1962) Mootummaa Nafxanyaa fi roorroo itti fufu mormuuf tooftaalee garaagaraa fayyadamaa turan: Bara 1952 uffata poolisii uffachuudhaan magaalaa seene Nafxanyaa sodaachisuu fi iccitiidhaan gartuulee diinaarratti tarkaanfii fudhachuu, Tooftaan birraa "Damma adii" nama baadiyyaa homaayyuu hin beekne fakkaatanii magaalaa seenudhaan, fi kaffaltii beellamaatiin qarshii 220 shaalaqaa diinaa irraa fudhaachuun rasaasa fi zinnaara ittiin bitachuun diina dadhabsiisuu itti fufan Bara 1962 dhiibbaa fi ajjeechaan mootummaa Hayila Sillaasee uummata irratti hammaannaan, uummanni mooraa waraanaa Nageellee Booranaatti walga'ee mormii dhageessise. Yeroo kana ajajoonni waraanaa uummata dirqisiisanii biyyaa baasuuf guyyaa torba (7) keessatti akka ba'an murtii dabarsan. Roorroo kanarraa kan ka'e gooticha oromoo beekkamaani roorrisaa kana mormuu akka qaban dirqama ofitti murteessan 3. Sochii Somaaliyaa fi Imala "Sochii Dhombiir" (1963) Gootonni murtii gabroomfattootaa diduun Gannaallee cee'anii Walaabu keessatti wal-qunnamuun qawwee bitatanii lolaaf of qopheessan. Waaqoo Guutuu fi gartuun isaa gargaarsa meeshaa fi rasaasaa barbaacha gara Somaaliyaa (Bulaahawoo fi Moqaadishootti) socho'an. Ministeera Ittisa Biyya Somaaliyaa Jeneraal Daawud Abdullee waliin yeroo wal-arganitti, Jeneraal Daawud: "Waraanni Itoophiyaa guddaadha, nuti itoophiyaarratti isin gargaaruu hin dandeenyu isinis hin dandeessanii, yoo gabrummaa isaanii dadhabdan, bakka qubattan isiniif kenninaa asuma quphadaa ta'aa" jedhaniin. Waaqoo Guutuu garuu deebii cichoomsaa kenneen: "Nuti meeshaa fi rasaasa dhabuu keenyaaf malee, meeshaa yoo arganne Oromoon diina isaa hiddaan buqqisuu ni danda'a jedhe Waaqoo Guutuu itti dabaluudhaan ammas gaaffii warra Somaaliyaa gaafatee akkas jedhe "namni miila isaa lamaanin tarkaanfatee miilla tokkoon dhoqqee keessaa ala ijatee miila tokkoon immoo dhoqqee keessatti hafe, dhoqqee sana keessaa bahe ni jedhamaa?" Wariis "Lakki" jedhanii. Oromoo fi soomaalif maatii tokkodha nuti lamaan ni miil abbaa tokkoo yoo taane, Namni miila lamaan dhoqqee seene miila tokko dhiqatee tokko hin dhiisu; nuti miila keessan tokko kan dhoqqee keessatti hafee walitti nu gargaaraa!" jedhe. Sanaan booda warri somaaliyaas akka isa gargaaran waadaa seenaniif. Innis waan kennameef Qawwee Dhoombir 40, matirayyeesii Toomaas 2 fi Boombii 3 fidachuun gara Oromiyaatti deebi'an. Sochii waraana isaaniis yeroo sana "HIZBII" jedhanii mogaasan. Erga gara oromiyaatti deebi'an Injifannoo injifannoo gurguddaa argatan. Ammas itti fufanii duula baay'ee gaggeessan duulli isaanii maqaa qaba fakkeenyaafi duula sooraa duula dhoombirri fi kkf Bara 1963 malkaa Annaatti waraana Haayilaa sillaasee lakkoofsaan dhibba ja'a (600) ta'u walitti qabatanii lola adeemsisaniin humna diinaa irraa namni 43 ajjeefamee, dhibbaa ol madaa'e. Waraana Malkaa Annaa kanaan helekoopterii lama qawwee dhombiir kan otomaatikii hin taaneen rukutanii kuffisan. Waaqoo Guutuu fi gootonnii Oromoo waggaa saddeetiif (8) Kutaa Baalee walakkaa ol akkasumas Sidaamoo koonyaa muraasa gabrummaa jalaa bilisoomsuun bulchaa turan. Bara 1970 mootummaan Haayila Sillaasee maanguddoota waamuun "Waaqoon fidaa, yookan ummata dhiira umurii 15 olii jiran hunda ni fixna" jedhe. Jeneraal Waaqonis "Anaaf jecha lubbuun ummata kiyyaa hin dhabamiin" jedhanii Onkololeessa 1970 irratti harka kennatan. 5. Seenaa Qabsoo Dhiyeenyaa fi Dhaamsa Barsiisaa 1989: Dhaaba Adda Tokkummaa Bilisummaa Ummata Oromoo (ATBUO) hundeessun dura bu’ummaan hoogganan. 1991–1992: Mootummaa Ce’umsaa keessatti hirmaatanis, murtii nagayaa diigamuun gara qabsootti deebi’an. 2000: Humnoota Oromoo qindeessuun ULFO dura taa’ummaan gaggeessaniiru. Dhaamsa Ummataaf Dhiyeessan Keessaa: "Yaa ummata keenya gaafa beekaan hin heddumaatin waljala yaanee, diina keenna ofirraa dhoofne. Har'a ammoo beekaan heddummaatee, waldhagayuun dhabamtee, ummata keenyaallee waa godhuu hanqanne. ...Mee gaara dorrobe nu hin godhinaa!" 6. Guduunfaa Gootichi Oromoo Jeneraal Waaqoo Guutuu dhukkubsatanii gaafa Gurraandhala 3, 2006 lubbuun isaanii dabarte. Dr. Gammachuu Magarsaa awwaala isaa irratti akka dubbatetti: "Waaqoon odoo lubbuun jiruu dhiisii gaafa du'ellee ummata gara garaa walitti fida" jedhe. Jeneraal Waaqon seenaa qabsoo bilisummaa uummata Oromoo keessatti fakkeenya tokkummaa, gootummaa fi cichoomsaa ta'uun bara baraan yaadatamaa jiraata. Hundee Baddaa Baalee 15/ 10/2026 Seenaa kana Qopheessee mattaxxansuu irratti kana na qarqaare Hiriyaa kiyya Abdallaa Umar Nama G/B/B/ Nageellee Booranaa Ganda Bitaattaa

1. Dhaloota fi Seenaa Guddinaa

2. Jalqaba Qabsoo fi Fincila Baalee (1963–1970)

3. Sochii Siyaasaa fi Qabsoo Oromoo (1989–2000)

4. Jireenya Dhumaa fi Seenaa Isaa

← Gara Fuula Seenaatti Deebi'i