Ani gaaf tokko Jaal Kokorsiif kaardii guute. 🤣🤣🤣
Waan Waan Ijoolleen Abdiisaa na goote😂😂
yeroo tokko Waan maqaan isaanii Jaal Gombis, Jaal Fonqolchi, Jaal Fottoksi, Jaal Caccabsi Jaal buqqaas, Jaal Diig, Jaal Hindirif, Jaal DirJaal Ajjees, Jaal Tarsaas, Jaal Maraach Jaal Mancaas Jaal Hati Jaal Kokorsi fi kana kan fakkaatu fa'atu dhufee keessan nama dubbisa ture. Yoo laalte eenymmaa isaanii dhoffachuuf maqaa masoo moggafachuuf malee maqaa isaanii itti hin yaanne fakkaata. Hiikkaan maqaa isaaniituu hojii isaanii akka isaan Jaal maraachi ta'an ni ibsa. 😂😂
Gaafan jara akkasii qunnamuu, Warri kun odeeffannoo keessoo waraana Bilisummaa Oromoo faa natti himu turan. Aniin kee oowwifadhee gurba! 😂 guyyaa hunda jaraan walqunnmuuf dataa faa guutaaf ture
Otoon haala kanaan jiruu guyyaa tokko hiriyaa koo waraana keessatti waan miidhameef akka yaalamuf garana dhufe tokko wajjin otoo taphanuu, inni odeeffannoo ani jararraa dhagahee faallaa natti hime.
Ani wanti innii himuu dhugaa akka hin taane yeroon kasuu, akka itti dhagahes dabale itti hime achumaan innii warri akkasii WBO taphaa (Ilmaan Abdiisaa ijaarrate) akka ta'e naaf hime anis adda baafachuuf waan hedduu yaaluu jalaqbe.
Boodarra qaqrsaa nama hedduutin Jaal Kokorsii tokko bakka inni itti leenjii'e jedhu irraa qorannee akka inni harka kennatee dhiifamni akka isaaf godhamuuf waraana Ilmaan Abdiisaatti makame gaafa dhagahu, deebisee goyyoonfamuu koof garaa of nyaadhe🤣
Odeeffannoo kana akkan qulqulleeffadhe gaafan itti himu black na nyaachisee maqaas gara Jaal Diritti jijjiirachuu him ollu
Boodarra jarri akkasii jechuun na gorsan Ijoolleen waraana dhugaa bayyee smart phone 📱 hin qaba. Warri qabanis icciitii waraanaa siif hin kennan akka miseensa taatufis si hin dirqani. Wari akkasii otoo waraana ta'aniyyuu kara bahaa qopheeffataa jiru ta'uu mala" jechuun akkamitti akkan adda baafadhu naaf kaasan
Aboo Jaal Ajjeesif kaardii guute jechuun koo sin ajjeesuu moo ati?
Waan baayyee mudadhee bar gaaftokko Yeeroo tokkos bareeduu teenna warra Horroo Guduruu takkaan Affeeramee Garee IMO online irraatti namoota baayyee tokko keessa seenee haasawaa taasisee diqqoo faarfameee jennaan natti hoo'ee screenshot godhadhee galee video promotion hojjadheen😂 ijoollee ququlluu warra bilisaa mee laali Profile isaani waan fedhan uffatanii......... Jechuun baayyee faarse
Sana booda ijoolleen dhufanii na gaafatan tokkoo ammoo "Hundee garee kana deeggartaa? ati akkamitti bitamte meeqa fudhate?" jedhee natti qoose. Achuan deebi'ee yoon qoradhu, edaa sunis garee Jaal Ajjees
Mee ta birrii 5,000 takkallee sitti bimuu? 😂 Lakki hunda Yoo himan garaatu qullaa nama hafaa.
Hay Jaal Tarsaas waan ati na goote!i
10/07/2026