Hundee Baddaa Baalee

Hadha mucaa fi maashina baankii

Haadha manaatii fi abbaa manaatuu addaan bahuu murteessanii garu sana dura daa'ima tokko qaban turan. Amma yoo nuti adda baane daa'ima kana eennutu fudhataa ykn anatu fudhataafi anatu fudhataatti irratti wal lolan. Yeroo kana seerri nuuf haa murteessuutii jedhanii mana murtiitti dhiyaatanii himatan Haati mucaa dura buuttee akkas jette "Daa'ima kanaa ani ji'a sagal garaatti baadhee waggaa sadi duddatti baadhee nyaachisee irraa dhiqee guddisee sadarkaa kanaan ga'e kanaafuu daa'imni kun naaf kennamuu qaba." jetteen. Jennaan abbaan murtii abbaa daa'imaatis akka dubbatuudhaaf carraa kenneef Abbaa murtii: "Yaa abbaa daa'imaa atihoo waan jettu qabdaa?" abbaan daa'imaa: "Yaa abbaa murtii! Amma fakkeenyaaf yoon ani maashina baankii keessaa maallaqa baasuf kaardii baankii (ATM) keessaa kaa'ee, Maallaqni hangi ani ajajadhe naaf kenname suni kiyya moo kan maashina baankiiti?" jedhee gaafate. Kana jechuun haati daa'imaa maashina baankii taate jechuudha kaardiin xiqqaan ykn ATM isatu keessa kaa'ee isin ammoo daa'ima kennitee jechuu. 🤣 Hundee Baddaa Baalee
10/01/2026

← Gara Fuula Walalootti Deebi'i