Hunde Baddaa Baalee

anaa haa nyaatu Abbichuu.🤩

Anaa nyaatu aabichuu! Gaafa lola juntaa aabichuu ni azaane Aizoo jedhe kartoonaan duraa duubat ofcaanee Oowwe mataan finiine yeroo takka of dhabe Aariin mataarra baanan bishaan ofit sakkabe Edaa inni hin gaggabee Fardi biraanuu dhaqqabee tigriyt tarakkabe Tigry ni wareerte ameerkan itt areerte Gabrasion jettan moo namittiin gurmuu shirrixii Waraana guddaa sana nyaatee ethiophia baafte bixii Haa fuursuu fuursaa fuursoo gabra misail ka rabbi fuurse Tigriy haree ijjateen raayya walit huruurse Kaaba wallot walit qabe dafqa irraa xuruurse kaan irra gaddeebi'e gondarit naqee gabbiina Kuma torba booji'ee arrechise finiinaa Miilan maqalet galche itti naqee katiinaa Ani haabaduu aabichuu gaafasan hamileen cite Loltuun tophiya gudditti gaafa san bishaan lixxe Baayyina loltuu lafarraa ithopiyaan tokkoffaa turte Amma tokkoleen meeti eessa nujalaa kutte Kuni gaafii maalqaba gabrasion dhuubate Fuustaa guddichat naqee tagarii hin danfifate Taan walt cafallaqee jabanaa keessa buufate Harka isaarrat shukkumee dhadhahee afanit naqate Shirrixii isaati naqee taanii siinqii godhate Abichuun takka azaanee takka hinhiqaama Soomee salaataa hin dhageenee yeroo heddu afaan lugaama Amma hamilee hin qabu abbichuu mudhiin kutaa Warana san deebisuuf asii achi kaataa Lamii biyyattii qabee dirqamaan leenjifata Lammiin kana dadhabee hundi biyya bqata Waraanni biyya laaffatee ufumaafuu cacabe Ufiifuu human dhabe nagaa eeguu dadhabe Seera dhabdumaan baayyatee lammiin biyyaa rakkate Karaan itti cufamee iconomin gufate Name waan nyaatu dhabee jireenyi itti ulfaate Dagaggeessi abdii borii biyyarraa yaa'ee sute Aabichuun humana hin qabuu ofii achii roqomsa Guyyaa dhiitee bariitu hunda waraana labsa Bara aangoo isaa hunda akkanumaan dabarsa Ufii dandahee hin bulchu ufii immoo gadi hindhiisu Bolola aangoo guuttamee garaanuu gadi hin ciisuu Dandeettii malee bolollii homaayyuu isaa hin nahu Hanga fedhe wixxisee nagaa fiduu hin dandahu Gadi dhiise hin baqatuu gaditaa'ee hin marite Lafa rakkisee jiraa namichi waa hin hubatu Anaa nyaatu abbichuu Hundee Baddaa Baalee
10/01/2026

← Gara Fuula Walalootti Deebi'i