An keessi koo artistiidha
Garuu hidhaaannoon koo mangistiidha
Olkaii shubbisi na godha
Shubbisnaan seerri higgiidha
Mataa maree shushubbisuu
Didee ka`ee itti cabsuu
Laaxee eelee shashaffisuu
Jaarii of keesati fayyisuu
Gagarrmaamee dhukkee kaasuu
Dafqa buusee jaarii baasuu
Araadat harkaa naqabaa
Watwaata keessa koo dadhaba
Shubbisi naan jedhanii
Qabanni na dadhabanii
Gagarmaamuf fardi leexaa
Yoo ta`es lafti meedaa
Gurmuu buufadhu fannoo koo
Garuu maal jetti hidhannoon koo
Oggaan sochoosu mudhii koo
Namufatti yoon tirtire
Na tuffattii yoon zeekkare
Bakkasiin nattii mufattuu
Bor kan isiin naffattuu Lakkii
dhiisee hin zeekkaruu
Keessi kootuu haa qancaruu
An of beekka qaaman furdaa yooniin ta`es baakku
Hangas hunda gaabbadhe safrrii dhahadhu taakku
fedhii koos hidhadheera ati at ittin hori lakku lakkuu
10/01/2026