Dhahi jalaa walaloo
Dhahi jalaa abboo dhahi jalaa
Kumaa kitilli dhumuu jabo irra nuu baatee
Biddeena kankeeti moo du'aat garaa si nyaatee
Ajjeefamaaf dhiphattee guddoo garaa hammaatte
Ajjesan ammo eennu san hoo ni irraan fattee
Bussenas biddeenaaf ajjeessa matat baattee ajjeefamaa lakkoofta
Dubbiin biddeenaa jabduu silaayyuu way qaaanfattaa
Aahi Hanga du'aa lakkaahaa maataa qabattee boottu
Yakkama du'a faradu…. Sanoo isa hin komattuu
Isi qoy Isa maatii kee nyaatee kan siifis hamoommatuu
Ani yoo mala siif dhahe akka itti jalaa baatuu
Armat eegii xalafii akkanaan jalaa dhahi
Kiyyoo isaat kiyyeessii qabi garanaan jala bahi
Jedhee malaan si baasee kiyyoo diinaa sankeessa
Ati yakkamaa jedhee namni immoo nat murteessaa
Maalif mala dhooftaaf jettee kan keekiyyaa komattu
Mee akkamitii yaadee diqqomallee hin qaanfattuu
Akka ta'uu qaba jedhee yaaduu yoon mala dhahe yaa firaa
Maalif mala dhoofte jedhee seeri nagafatu hin jiraa
Ati
Isa walakkaa jaarraa lafee lammii qorqate
Dubbii buddeenaa malee garaan way si yaadatee
Isa du'e lakkaahaa ajjaeessaa ammo deegaarta
Kufuu ajjaseesaa dhiphattee moohuu isaaf zeekkarta
Ajjeechaarrat hirmaattee atuu waliin ajjeeftaa
Ajjeesaa utuubuuf moo ajjeefamaaf dhiphataa
Bakka fedhellee taa'ee eessaallee haaqubatuu
Yaadan wajjiin gubataa inni lammiif dhiphatu
Gadadoo lammii dhiphatee rakkoo isaanii hadoodee
Yaada furmaataa jedhee yoo lammii isaatif qodee
Akkanat keessaa baatuu jedhee mala yoo nuuf tarreese
Ati maaf irrat duulta inni hoo maal balleessee
Yaaddon kufaatii buddeenaa bultee mataa sibaatee
Biddeena tiffachuuf moo lammiit garaa si nyaatee
Wagga 27 dhiiga lammii xuutee
Wayyaanee wajjiin kuffisnus akka bofaa mooxatee
Wagga 35 isa nunyaachaa jiru
Jalaa dhahun malettii furmaanni biraa hin jiru
Jedhee yaada isaa cuunfee lammii isaatif gumaachee
Simmoo dubbii biddeenaatu ol dhaabee si maraache
Boosettii gurra dhoosaa
Opdo bililis baastetu lubbuutti si qoosa
Dhahi jalaa
Ayyoofi abboo rashananii yaabboo
Kanarra maaltu galaa teessee laalta balaa dhahi jalaa
Abo dhahi jala
10/01/2026