Ajaaaiba
Ethiopia biyya hojjattoonni
bilisa biyaaf hojjattu
biyya tola ooltummaaaf
garraamumman baayyatu
biyya itti lammiileen
biyya ofii jaallatu I
garuu Kan si ajaa’iibu
sirna dhufaafi darbaa keessa
Kan isiif ta’uu hin argamu
Ummanni garraamin kun hundi
sirana 1f ergamu
biyya jijjira jedha
gaafa dura filamu
biyyi gaduma deema
takkaa hin jijjiramu
ati biyyaaf hin taatuf
Isa mormuuf dirqama
Si’a takkaa qabates oowifate
gadhiisuuf hin sardamuu
kana hedduutti lolaan
biyyinuu haa diigamu
biyya Ethiopia mootuummaa malee
Ummanni isii hin komatamuu
Ethiopia ttii lammiileen
biyya ofii jaallata
wanti fedhe Yoo dhufe
biyya ofiitif dhaabbata
Waraanni mindaa hin qabu
bilisa biyya hojjata
Raayyaa hanga milishaatti
tola ooltummaf dhaabbata
garu Kan si gaddisiisu
humna garraamii kana hunda
party tokkat ergata
dirree siyaasaa dhiphisee
kophaa isaa taphata
umri isaa guutuu
aangoo gurbaa jiraata
ifii dandeetti hin qabu
biyya diigaa hojjata
nama isa morme hunda
waan fedhe itti hojjata
lammiileen jiruu dadhabaa
gadi dhiisee baqata
wanti guddinna dhoorkee
biyyarraa nu hambise
biyya teenna guddinna dhoorkee
biyya Keessaa salphise
mootummaa mancaayuu
wajjiin Rabbiin biyya teenna rakkise
warra dandeettuu hin qabne
Kan gara aangootti fiigu
Isa biyya jaara jechaa
biyya birkiitti diigu
warra dimookiraasii caalaa
abba irrumaat amanu
warra imaana nyaatu
warra biyya isaa ganu
10/01/2026