Hunde Baddaa Baalee

Gaafa Dambiin baala raasee

Gaafa dambiin baala raase Gaafa dambii baala baase Odaarrati gooba kaase keesummummaa wallaalee ofittummaa hasaase kopheen itti ijjate hargufee jirma raase gaafa tulluun lafat dhaadate dhakaan dachee komate otoo Kan baate jiruu Kan baatame hifate odaan qoree guddisee oollaa wajjiin qubate qoreen duruu gantuudha odaa waraanuutti kaate odaan qoreen michoome waan hin eeyne mudate silaa sagalee hin qabuu harkaan madaa rigate waraansan dhukkubsate boohe imimmaan fixate ofekkeessatii qunqunfate garaan boohee watwaate sagalee isaat ukkaamame Yoom olfuudhee dubbate odaan sagalee hin qabu kanaaf hin dubbatu gaaddisa isaat boqota malee namuu rakkoo isaa hin hubatu gurmuun afaan odaati sagalee haqaaf qiiliftu gareen gurmuu media warra dhugaaf dhaabbatu dubbiitti sookoof soorgo jecha dhokataat dubbata harsama namaa mitii hayyut laalee hubata odaa jechuun Oromoo Isa dagaagee bargaage oromummaas fakkaata nama gingilchee baaqe odaan sagalee dhabe jedhee hiibboon dubbataa sagalee jechuun media kana namuu ni hubataa media Afaan Oromoo bayyatus akka baalaa Isa oromoof dhaabbatu Kan gartuu tokkotu caala media baayyee qabaannus nuti Akka biyyaattuu Kan bilisaaf walabaa tokkoo nutti hin mullatu kanaaf nuti dhugaadhaaf mudhii teenna hidhanne sagalee walabaa ta’uu ijjannoo buqqifanne nutii jabeny hin qabnuu garuu isin abdanne Channel gurmuu media kuusaaf madda artistoo barsiisa aadaaf seenaa of ilaallee dhaloota sagalee hawaasa balla’aa malaa marii hayyoota qajeechituu dhugaa dabee hafuura warra sagalee dhabee oromummaaf calaqqee hawaasummaaf diinaggee dhaloota qaat dammaqe jajjabee walitti naqee ol guddisuuf onnannee saba keennaf dhabbanne garuu isin abdanne gurmuu media guddisaa addunyaatti nu mullisaa subscribe like bokkaa itti roobdisa yaadan nufaana ta’aa balleessinu nu gorsaa qeeqaaf gorsas Yoo ta’e yaannii keessan nuuf qorsaa galatoomaa🙏 Hundee Baddaa Baalee
10/01/2026

← Gara Fuula Walalootti Deebi'i