Hunde Baddaa Baalee

Walaloo Haadhaa fi abbaa

Aayyoof aabboo kiyyaa akkam nagaa jirtuu Hunduu duubat haahafuu isin nagaa qabudu Haalli jireenyaa akkam walfaana yayaatuu Dararaaf gadadoo wajjiin keessummeessituu Hoongee beelaf dullummaa wajjiin dabarsituu Anis nagana qaba kunoo waanuma hundaafuu Silaa akka yaadatii du'ee jira rabbi guddaafuu Waanua keessan yaadaa gadi hinciisu hirriibaafuu Hamtuun isiniif bahe dursee anaaf haadhufu Naga isin gaafadhee hin quufu mee itti deebi'uu takkayyuu Maadhaa maati akkamii sa'aa namni nagahayyuu Kooko'oo qaama keessaf ko'ummaan qa'ee keessa Jeedala re'ee guurutuf eeydon oobruu jaldeessa Waraabessa halkaniif halkan deemtun bineensaa Hunda baachaa jiraattuu akkamiree odeessaa Akkamii haali jireenyaa eeydon oobruu fageenyaa Ba'aan bishaan jarkeenaaf dhimphisaan mana keenyaa Mana golaan dhimphisu kan jireenyaa sitdhiphisuu Halkanuu sirraffisuu silaa Alaa manat baqattuu kan mannii ala hin caallee Gadadoo keessummeesstuure kan yoomillee wallaalle Ilmaan harka qabataa qoraan duydattii baattuu Beelan yoo midhamtan hoo maal argitanii nyaattu Kanuma keessummeessa wajjumaanuu jiraattuu Akkasuma wajjiinuu akkam nagaa naa jirtuu Akkasuma keessattuu jiraachuu dadhabdanii Rakko jireenya qofaamii namaanuu roorrifamtanii Waan akkanat fiddan kanaayyuu saamatanii Haala hamaa kana keesattuu shorkeessaa jedhamtanii Horiinuu rakkattanii halkan guyya hiraatuu Rakkoof beelan hubamtee ilmaan si jalat dhumtuu Harras wajjiin jiraachaa hundaa keessummessittuu Akkasuma wajjiinuu akaam nagaa naa jirtuu Mee waa isin gaafadhuu waan jalqaba seenaa keessanii Ka jaarrama bultii jalqaba ka walit dhufuu keesanii Gaafa dura walfuutan keesa abdiin guutamtaanii Akas waliin jettanii laata keesa abdiin guutamtanii Harra jabaannee hojjanna baru akka itti gammanuu Jireenya fula keenna duraa gammachuun akka jiraannu Jabaanne hojjachuu qabna takka ofirra hin mil'annu Jettanii wal kaaftanii laata miira keesa keesanii Jireenya fuula duraatif abdiidhaan guutamataanii Akkas jettanii laata of keesat abjattanii Harra jabaanee hojjannaa bor abbaa milionaraatii Abba fardaafi gaangee abbaa loon kuma lamaati Abba hoolotaaf re'ee abbaa sangoota kumaatii Jireenyaa quufaf badhaadha kan fuula keenna duraatii Jetta abjattanii laata moo waan kana caalati Akkas jettanii ree? Fuula keenna dura jireenyi badhaadha Ilmaan hedduus dhallaa soorannis dhadhaadha Asii achi itti baana jireenya bal'innaa Jabaannee hojjannaa maalumaaf dhiphanna Jettanii abajattanii gaafa bultii jaarrattan Moo waan kan caalufii kanaa ol abjattan Garuu kana didde jiruun faallaa garagalte Akka yaaddan dhiistee akka hinyaanen dhufte Abjuun tee ganamaa karaa hin tanet kufte Jiraachuu jalqabdee jireenya gadadoo Jiruu muka xuxii kan qurxummii madoo Baraan boohaa jiraattuu akka adaamii ollaa agamsaa Barana yoojettanis bara baraan daabarsaa Otooma jiraatan jiruu isin in feene Isi jijjiramtuu jiruun isin hin eeyne Akka itti hin eeynet ilmaan 9 dhaltan Jiruu gaddaf yaaddoo kessummeessa as geettan - Isin gammaddanii jiraattan takka akka namaa Otoma jiraattan jireenya manaamaa Jireenya waadama jiruun abaaramaa Lubbuun kiyyas bade isinii dhabamqaa Ilmaan hedduu dhalta garuu itti hin oolee Quc jettanii teessu akka waan hin dhallee Ilmaan teessan akka ilmaan qocaatti gargarii faca'anii Waldhaansoo jireenyan harkaa walqabanii Ofiifuu hin jiraannee yoom siyaadatanii Isin osoma jiraattan jireenya hadhaawaa Ka taakka hin dhadhamannee dhandhama mi'aawaa Dullummaan si qabdee hadhoofte jiruunuu du'eetuu haabaduu bakka tee aninuu kanatu nacinqee ani hiirria hin qbu akkam haa godhu ree yoon yaadee dadhabu ottoman siif yaadu karat kufe cabuu karaan milkaahinnaa kan naduraa maqe barbaadee hin arganne eessa akka dhaqe ofuu jiraachisuuf boolla meeqa seenaa qaanjibbuun iddamee bofi naciniinaa harkaa gara afaanii jirenya hanqinaa hiree yoon argadhu hunduu gara afaanii takkaa akka namaa hin rafne garaanii siif yaadee siyaadu gubadhe keessi koo akka naaf dabarsu naaf kadhu rabbi koo dullumman si qabdee hadhoofte jiruunuu du'eetuu haabaduu bakka tee'ee aninuu rakkinni siif dhufee anumaan haa bahuu balaan si qabate narrat wal haa gahuu fayya dhabni kankee anatti haataruu miidhamnii si qabae ana haa dararu aayyof aabboo kiyyaa waaqi dachiif samii lubbuu kee haamaaru Hundee Baddaa Baalee
10/01/2026

← Gara Fuula Walalootti Deebi'i