Hunde Baddaa Baalee

Harmee mucaan kee Abdii murateera

harmee mucaan kee abdii murateera mucaan kee qallaan sun inni ati jaallattu boru guddatee Nama ta’aaf inni ati Abdattu abdii murateera erga siin adda bahee qaaman sirraa fagaatee jireenyi itt hin tollee baayyee itti ulfaate mucaa kee qallaa sana Inni tokko hin ergata inni kaan hin tuffata Inni kaan hin hifataa asii Achi daddarbata mucaa kee qallaa Sana ormi ergatuu malee ittin guddatuu malee hojjatee waa hin argatu horii walitti hin qabatu harkaa garaa afaanii waan hin caallee argata gamasiin Yoo guuttatu gamanaan ni hanqata siif yaadaa si yaadaa dhumate Keessa isaa Akka isaaf jijjiiru kadhadhuuf rabbii isaa Yoo akkas taate malee qaamanis qallatee foon irraa dhumate fuulduras Abdii hin qabuu mullanni isaa hammaate dandeettin waa yaaduu isaa baayyee dadhabaara harmee mucaan kankee qallaan sun Abdii murateera Hundee Baddaa Baalee
10/01/2026

← Gara Fuula Walalootti Deebi'i