mee waa sigaafadhuu lammii Koo?
gaafa biyyarraa baatu
galaa kee qopheeffatte
tarkaai kee jalqabdee
miilaa kee fageeffatte
jireenya kee fuula duraaf
maal fa'aa karoorfattee
badhaadhinni jireenya
dura keetti daatti daawwattee
akkas ofiin jettee laata
of keessaati hasaafattee
asittarraa Yoon godaanee
qubadhe biyya ambaa
hammamuu Yoon rakkadhe
gabaabdutti naaf darbaa
laalaa jireenya obsee
halka guyyaa hojjadhee
wanta ji'aan argadhu
baankit walit qabadhee
Yeroo diqqoo keessatti
maallaqa hammaradhee
maatii kooyyuu jijjiirama
of bira dabarfadhee
jette karoorfatte laata
keess Abdii ln guutamtee
daawwitii Abjuu jireenyaa
keessatti of ilallattee
jireenya mastin wajjiinii
mi'aa isaa irranfatte
waloo jireenya maatiirraa
kophummaa kee hawatte
biyyaaf Nama hinbeeyne wajjiin
waldhaansoo jiruu filattee
kolfaafii tapho maatii
marraa sa'aa waatii
waca sinbirroo mukarraa
korrisa weennii lagarraa
iyya Lukaku guyyaa
xapha ijoollee hiriyaa
ifa biiftuu ganamaafii
gaandiddiiuu Yeroo dhihaa
duumensa samii keessaa
bokkaa yeroo badheessaa
urgaa daras makkanniisaa
mi'aa damma kanniisaa
waahee ijooummaa keefii
gammachuu kee dagattee
jaallattee otoo hin taanee
hadhaa jireenyaaf jettee
Biyya kee gadi dhiisuf
ijjannoo buqqifatte
tabbaa lagarra labdee
kagarra tarkaanfatte
haala kanaan gadhiiftee
Biyya keerraa fagaatte
haa ta'uuyyuu mallee
tan oromaa biyyi ormaa
waa biiya kee siif hin taatuu
qilleensi biyya ormaa
asham jedhee si hin simaatuu
garaa jabbatti ormaa
Akka yaade diif hin taatuu
yaanni kee siif hin milkoofnee
faallaa sit gara galtee
azaaba jiruu duniyaa
miilan keessa dhaabbattee
lafaa namni siif hin toolle
mukaa citaan lolamte
firaa ormii siin toolee
hundumma kabalamte
akka waan waa hatteetti
qabamtee dararamtee
paplic gubbatti baatee
cophee faa nyaachifamtee
firaa diinni sit kolfaaa
Akka harree dhaanamtee
otoo boottee watwaattuu
lafarra gangalfame
namummaan kee sarbamee
kabajaa tee mulqamtee
hadhaa jiruu biyya oromaa
gaafa sana dhadhamatte
raffada jireenyaa hama
asirra Kan jalqabduu
dadhabdee boqodhuu dhiisi
beeloftee nyaadhuu hin qabduu
nanaayyuu sihin sehanii
yoo isaaniitii hin dadhabduu
halkanii guyyaa hojjatta
hirribafuu hin boqottuu
garaa jabbatti haati ormaa
yoomiyyuu siif hin naatuu
Yoo feete duutee Baddaa
dhimmi kee garaa hin nyaatuu
dhukkubsattee Yoo miidhamtes
rakkoo keef laphee hin naatuu
koottu kana miicii
kana dhiqii baasii
kuni maalif jiiti
koottuu qorrisisii
kottuu nyaataahojjadhuu
jabanaa danfisii
qamaa irraa dhiqii
ijoollee raffisii
mana fincaanii deemii
fincaan Koo qorrisiisii
tolchii Keessa dhiqii
fooliisaa urgeessii
Yoo achirraa baate
mana qulqulleessi
kosii tana harii
manarraa fageessii
jettee si ajajuu malee
haati ormaa namaa hin naatuu
Yoo feete dhukkubsattee
yoo feete maraattuu
Yoo feete beeloftee
garaa qullaa taatuu
mataan si addatee
dibatalle dhabduu
qaamni si hurraahee
akka mukaa cabduu
dhiigni sirraa dhumee
qaqallattee gogduu
duutee Baddaa malee
haati ormaa siif rifattu
ati
kaayyoon kee kana hin turre
gaafa biyyarraa baate
jirriamuuf jecha
waan meeqa karoorfatte
jijjirama jireenya
fuuldurat Abjattee
waagga meeqa darbe
ega biyya baatee
Yeroon hin dhaabatuu
umriin kees fagaatee
hawwiii kee ganamaas
waraabotu nyaatee
jireenyi hin guutamuu
daramuu hammataa
armaan guute Yoo jettu
gamadiin hirrataa
gamasiin Yoo harkiftu
gamanaan hanqataa
madaallin jireenya dabaan
Yoom qajeelaa siif guuta
maatin keetis jiru
Kan ati irraa dhalatee
Kan ati isaan jijjiru
biyya keerra fagaatte
isaanis yaaduu dhiiftee
takkaa Yoom irranfatte
rakkoo jiruu duniyaa
waan meeqa dabarfatt.
10/01/2026