Hunde Baddaa Baalee

Qabsoon kaleessaa nuuf hin milkoofne

Ilaa wanti siif galuu qabu Buchoo ilma Tasfahee! Kaayyon qabsoofnef kale Yoom itti nuuf milkaahe 1/2 Qabsoon keenna kaleessaa Keenna shuumuf hin turre Kan jaalannu angeessuf Harkaaf harma nun murre garuu Sirna bulchiinsa gonfoo Abbaa irree buqqifnee Bulchiinsa dimokiraasii Gadidhaabachuu hawwaine Ta'us San kuffisnus kaleessa Mootummaa abba irree Kun san caalaa bineensa Malee Akka carraa nuttita'ee Kaleessa tigreet qabsoofnee Harra oromotu qabatee, Kan akkasitti yaadu Nama of irranfate Gabroomsaa sana kuffisnus Gamtaan dura dhaabbanee Gabroomsumat qabatee Akka yaanne nuuntaane kaaaf Kaayyootu nu hoogana Malee hin qabnuu jallinna Waan baate irranfattee Karaat hafuun salphina Yeroonsaa nut dheeratuu Barris yoo barat lufee Qabsoon diddaa gabrummaa harrallee ittaafufe waan gad baaneef milkoofnee hanga geennut galmatti kaayyoo baanef gadidhiifnee hin deebinu manati Abbaa kiyyas yoo ta'e Abbaan irree haakufuu Kan nagaaf dimookiraasii Bakka fedhee haadhufuu fedhu amaarri haabulchuu tigee ykn somaalee namni ummanni filate fedhus alarraa yoo galee dimookirasit amanee ummataan bula yoo ta'e ilaa muraanni keenna gaafas galma nuuf gahee Dimokiraasii barbaacha malee hawwiin dhaloota akka ati yaadde sana gandumma hinqabnu bootaa Hundee Baddaa Baalee
10/01/2026

← Gara Fuula Walalootti Deebi'i