Hunde Baddaa Baalee

Marroo Dirribaa

Walaloo marroo dirribaa kun gooticha jaarraa kanaa General marroo dirribaati jabaa fakkaatii hin qabne Kan onneen gaara duubaati garraamii goota jaalalaa gara laafaa namaatii dambalii mataa yuubaa Abdii dargaghootaati gamna gameessa namaa fakkii oromummaat fakkii murannoof kutannoo calaqqee bilisummaatii goota onneen sibiilaa marroon Abdii sabaatii mee isaan wal-si barsiisaa caqas hanga dhumaatti Gumaacha dachee Africa lixa oromiyaat dhatan bakka daloota isaanii sodaa nageenyatif private gochuu filatan Nama guddaa dha maatiin isaa ijoollee 9 argatan ijoollee dhiiraa Keessa marroo Kan 2ffaa ta’uu dubbatan kumsaa dirribaa jedhama maqaan Kan warrii itti moggafaan bakka harraa kana Akka gahuuf ganamumaan leenjifatan seenaa barnoota isaa akkas jechuun yaadatan sadarkaa 1 fi 2 achuma keessat xumuratan yeroo barnoota isaanii barnoota qofan hin xiyyeefatan cunqursaa sabarraa kaasuuf halkanii guyyaa hojjatan carra qaba hundaanuu saba isaaniif dubbatan jijjirama qeerroon fidde sanaaf qooda leencaa xaphatan mucaa maqaan kumsaadha maqaa warri jaalte kumsaa jechuun kuma dha mucaa eebban dhalatee tokkicha Akka kumaa jechuu warratu moggaafate Qe’eenuu qe’ee gootaati Kan inni Carraa argatee durumaa wallaga jechuun Kan diinnuu maqaa lagate lafa gootummaaf hayyumman keessa maandheffate isaantu aadaa barsiise gootummaas dhagi’ate mucaan ilma abbaa caalu Akka ta'u isaantu eebbifatee kanaaf mucaan Nama Keessaa urjii ta’ee mullate marroon mucaa qaxaleedha gaafuma lafaa ka’uu barootattiis cimaadha eennullee isa hin moohuu Aadaaf seenaa Saba isaa baruurraa gadi hin taa’u cunqursaaf miidhaa Sana isaa taa’ee laaluu hin dandahu marroon mucaa kaayyooti Rabbiin galmaa haa gahuu bahaa fi galuumsa isaa keessatti haa milkaahuu goota Abbarra caaluu marroon mama dhugaaf dhaabbatu mirga namaa hin dhiibu namatti hin tarkaanfatu hubataa namaati marroon nama nagaa jaallatu gaaruu mirga isaatirratti eennulleef gadi hin godhatu haqa isaatirratti goota marroon ija hin libsatu gaafa mirga isaa dhabe taa’ee nama hin kadhatu jabaa lolli iraa tolu eennullee hin jilbiinfatu goota tolli irraa tolu dhugaa irra hin tarkaanfatu gamna gameessa namati Kan namni hunduu jaallatau hayyuummaaf gootummaas Yoo jette eennulleen itti hin qixcaatuu mullata isaa milkeesse Rabbii haa irra aanfatu Barnoota isaa xumuruuf gaafa carraa argate cunqusa saba isaarraa jiru laalaa barachuun itti ulfaate saba isatiif jiraachuudha aarsaa ta'uu filate dabarsee sabaaf jiraatuudha marroon saniif dhalate waarqsi diddaaf gabriummaa Isa fa’aan qabatee qaqqaxalee barattoota Oromoo jechuun seenaan Isa yaadatee diddaaf mastar plaani fa riskii itti fudhatee warra wayyannee kuffisee oromiyaa irraa baafatee gabroomsan sun kufus kun sal caalaa jabaate kanaaf marroonis tarkaanfi Isa itt aanutti tarkaanfate jireenya isaa guutuu saba isaatif jiraatee bilisummaa barbaacha marroon yoo takkaa gadi ciise university irraa bahe barnoota isaa gadhisee barattoota gurmeessun bilisummaa kakaasee qeerroo wajjiin wal-ta’uun wayyaanee biyyattaa basee sirna abba irree kuffisuuf bililisummaa tinphisee bilisummaanis hin dhufnee carraatu gufschiisee barbaacha bilisummaatu ammas basonatti deebise bilisummaa dhugaa arguuf ammas falmii jabeesse oromoo walitti qabee dargagoota gurmeesse qeerroo cunqursaan dhiibe walit qabee leenjisee bu’aa bahii jireenyaa saba isaatif jecha obsee hawii bilisummatif hadhaa jiruu liqimsee harrayyuu famisiisaa Jira garoomfatat bobbaase gootota oromootirraa Kan adda isa gootuu Waraanni guddaan Ethiopia Kan addunyaanuu abdattu bakka ripeelolaan jabaatutti Kan Africa ergattu hangam Yoo jabatteyyuu isaan hi wadaaddarutu Wagga 8 guutuu loltee biyyaa baasuu hin dandeettu taankiif jeettii dhaan dhufutee lolaan bakakkaa buuttu lafoof fi sama’iidhan feetu bakakkaa roobdu aarsaa feete kaffaltee marroo biyyarra hin baastu marroon Kan tuqaa didu Kan tuqan nama iddu haqni saba isa tuqamnaan isa namatti muddu Kan Saba jajjabeessu kutannoon isaarraa maddu siif jecha aarsaa kaffalu anuuyyuu itti hin gadduu magaala qalla bareedaa rifeensi gurmuurra dhanga’ala Yoo qallina jette qaamni isa haga ulee isaa gaha garuu warra gagabbaa kana kuntaala guutuu dhaha haqa Ummataf falma marroon nama dhugaati kaayyof akeekni isaa bilisummaa oromooti mootummaa abba irree diina ummata isaati bilisummaan oromoo hawwi hunda keennati nuuf haa jiraatu malee marroon ilma sabaati ilmi Abbaa fakkaata marroon ilma aadam saddootii hamtuun si hin argin jedhaa itti eebbisaa dafaatii Hundee Baddaa Baalee
10/01/2026

← Gara Fuula Walalootti Deebi'i