Hunde Baddaa Baalee

Qabsoo Oromoo

Qabsoo qabsoo jechaa Asif Achi kaattuu baara dhufaafi darbaa bosons keessa yaatu bu'aan qabsoo maali mee maalumaaf dhamaatu Niqabsoofna jettee erga lafaa kaate karaanis dheerate haalinis ulfaatee waggaa isaa dheeratee jaarraa 1 taate mee maaluma baaftu maalif dhama raaftu wanta bu'aa hin qabneef maalif nu dhamaaftu maaf dhaloota kaasaa aarsaa kaffalchiiftu jedhee warra dubbiin kun gaaffii itti ta'e waan kana dhiphatee Ka mataan iita'e sher itti naaf godhi Yoo si bira ga'e qabsoon oromoo 1 jedhee jalaqabee bu'aaf bahii dheeraa of keessatti qabee boqonnaa 4 keesss darbee 5ffaa jalqabe B dadammaqsuut" boqonnaan jalqabaa Boqonnaan ijaaruu 2ffaat qaqqaba B Biyyoomsuut: boqonnaan 3ffa B Aangoo qabachuu kaan Inn 4ffaa Sirna dimokiraatawaa ijaaruu 5ffarra jirra Abbaa irree diddaaf nu falmachaa jirra gaaf kana Goolbnes kan itti aanuttarra 1ffaa jalqabnee hiikkaas wajjiin laallaa bu'aan qabsoo oromomoos gaafa san siif gala boqonnaan qabsoo oromoo gaafa jalqabte dhaloota dammaqsuu irratti fuulleffate Dhaloota shirri diinaa irratti dalgeeffame eenyummaan waloo saa jalaa balleeffame sirni cunquraa habashaa gaafa ummata qabatu Tokkummaan isaa laamshshee akka wal dagatu aadaa fi afaan waloo kan isaan tokkoomsu eenyumaafi watoota isaan wal fakkeessu shira itti xaxee isaan adda ciree tokkummaa isaa diigee gandaan adda hiree dhaloota qaat kufee hiirribni fudhate kanaaf qabsoon jalqaba dadammaqsuurraa kaatee Ati Oromoo Yoo jettern maaf na arrabsite kan jedhu of barsiisuu irraa jalqabattee gara ijaaruuf tokkooomsuut achi dabrfate 2. IJAAARUU boqonnaa 2ffaa ijaaruu jedhama harka wal qabsiisuun asii jalqabama saba addaan facaasee diinni isa caale aadaa isaa gadhiisee aadaa ormaa dhaalee deebisanii jaaruun walqabachiisanii gara biyyoomsuutti achi ceesisani 3. biyyoomsu boqonnaan sadaffaa biyyoomsu jedhama biyya ofii jaarrachuun asii jaqabama. saba guddaa Afrikaa kan Oromoo jedhame xaxaa shira diinaa maqaan awwaalame oromo jechuun hafee gaallat jijjiirame qabsoon of barsiisee akka lfii falmatu biyya isaaf taatu akka ijaarratu sabni waggaa dheeraaf diinaan ukkaamamee kabajaa mulqamee namummaa sarbamee eenyumaan saa dhabee ormaan liqinfame biyya bulchuu mitii ufiifuu tuffatamee hirriibarraa ka'ee harka walqabte eenyummaa isaa baree aadaa isaa deeffatee lafa isaa qabatee maqaa itti moggaasee dangaa sararatee kaartaa itti kaasee Oromia jedhee maqaa moggafate gara biyya bulchutti achi dabrfate Aangoo qabchuufuu qabeenya itti deegee lafee itti cabee lubbuu itti wareege tokkummaan dhaabbatee hoomaa itti gadyaase warra ana nalee san of duraa kaasee ilma ofii filatee aangootti ol baase akkuma ta'et goolabee bofqonnaa 4ffaa 1 jedhee jalaqabee boqonnaa 5ffaa qabsoon hin dhaabatu yoomuu itti fufa boqonnaa 5ffaa: sirna dimokiraatawaa ijaarachuuf turte qabsoo boqonnaa 4ffaa siiaa milkoofte garuu gara abbaa irrummaatti nujalaa harkifatte keennaa kan itti kennanne nama jarri gudduse qabsoo nujalaa butee gabrummaant nu harkise fakkaate nu sakaalee miila nu kuffise ilma keenna yoo ta'es dimokirasit hin amanu Abbaa irrummaa yaalaa gorsas hin dhagahanuu hanga dirqamaan qabanii achi gubbaa darbanuu keenna jedhanii dhiifanaan roorrodhaf saxilanu ka'umsi qabsoo ganamaa warraaqsi diddaa gabrummaa gahuumsi dimorasiidha yoomuu ni falmama dhaloota baratetu dimokraasif falmata hooggansa baratetu dimokraasif hojjata gowaan natu siif beekaf irree sit mullifata nutii dhaloota barate dimokraasii hawwinee kalesas jiila qabnaa madaan tenna hin fayyine kanaaf natu siif beekaa abadan hin sarmine sirna dimokiraatawaa hamaa ijarrannuti Abbaan irree caccabee hamma burkutaahutti duunee haabannu malee hin deebinu manati Hundee Baddaa Baalee
10/01/2026

← Gara Fuula Walalootti Deebi'i