Shokkolaatan sheekkotii
gayyate Baale keessaa
mootunma faarsina jettee
bulaa gayyafti of keessaa
Haabuli bulaa bule Kan
Bulee sunfa San keessa
ni kijibaanii dhiiroo
tarsa’ee ofirra bobbaasa
Haa faarsu faaraa farsoo
fasaamiin farsee bulaa
Eessaa dhuftelle hin beeynuu
footaan gad yaatee golaa
Randa laft gaddiree
Abiyyi faarsaa oola
shoshoowiin shookaa nyaatte
sheekummaa maqaa baattee
shaashii gurmuu buufatte
koofiyaa marxifattee
shookkan mataa dhagaraa
sheekkotii maqaa nyaatte
Shaambal sheekkota baalee
shawwisaan mataa shuuraa
seenaa shaaramee kufe
shaanqillaan guurtee huuraa
Abiyyi faarsaa oolalti
lafa dhiphifte duuraan
10/01/2026