Hunde Baddaa Baalee

Silaa warra Baalef galatatu male

silaa warra baaletif galatatu male! Kenni jennaa hagami demmi jennaan garamii loli jennaa dhukaasuu himi jennaan gabaasuu isaanuu ajaja hin didanii garuu badiin isaanii maal mee maalumaaf buqqifamanii mee badiin isaanii maali maalif akkas Rakkatu manana isaanii diigdanii maaf lafarraa buqqiftuu qabeenyi isaanii yakkamee maaf ibiddaan gubatuu isaanuu garraamiidha garaa isaanii jabaatu warra lubbuu isaa kennee uumamtootaf jiraatu warra madaa ofii obse tan namaa dhukkubsatu warra itti himaa male achi laalee hubatu warra oolmaan isaa guddaa warra galata qabu Harra dabaree isaanii maalif birmannaa dhabu warra si sooruu malee takkaa sooratee hin beeyne Kan tole si qarqaaruu homaa sirraa hin eeyne gaafa isa dirqamaan biyya isaarraa kaasanu qa’eef qabeenya isaa gadi dhiisee godaanu qe’eetti roorifamee nagaa dhabee rakkatuuu Inni maaf of biraa dhabe nama isaaf dhaabbatu maalif birmanna dhabe gaafa inni iyyatu maalif sagalee dhabe gaafa inni watwaatuu maaf isaaf rifuu dhabde maali garaa si hin nyaatu --------------2-------------- biyya kana jaarrachuuf Abbootarraa jalqabee lafee duyaddaa itti cabee harkaa harma itti dhabee kennaa manat hin hafne dafqi matat hin hafne dawoo nagaa jaarrachuuf lubbuu isaa hin qusannee garuu badiin isa maalii maaf jiraachuu hin dandeennee biyyuma teenna jedhee aarsaa itti kaffalle dhiphinaaf yaaddoo itti ta’ee baahee galuu wallaalee akkuma bullee ka’uun inumaa itti caalle biyyi isaanii tanuma biyya biraa hin qabni biyyi isaanii keessatti garuu jiruu gammachuu hin qabab jiraatan nagaa hin qaban duunu awwacha hin qaban iyyan birmanna hin qaban badan barbaacha hin qaban dhukkubaa goomaata hin qaban biyyuma isaanii keessat jiraatu jiruu raachaa takkaa jilmaan buqqa’aa takkaa ammoo qubachaa takka jilmaan dhumani takkaa amoo jiraachaa takka biyya godaanaa gadhiisanii baqachaa akkuma bulaa ka’aniin jiruun itti hammaachaa jireenya maali mitii jiruu jaldeessa gaaraa jiruu weennii mukarra jiruu tafkii okkoltuu jiruu tiittee bararaa biyyi nuti jaalannu Kan nuti marafannu Kan lubbuu aarsaa goonee diinarraa hambifannu ofiif nuuf biqilchiti diinaa garaa jabbatu Kan dirqamaan nu dhiibee biyyarraa nu kaafatu qa’eef qabeenya keenna ormatti gurguratu baayyee nutti jabaatee Rabbiin nu haa yaadatu Hundee Baddaa Baalee
10/01/2026

← Gara Fuula Walalootti Deebi'i